Dooktar Abiy ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Ebla 27, 2018 (FMC) -Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Guyyaa yaadannoo Goototaa 85ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, baga guyyaa yaadannoo Gootota waggaa 85ffaan isin ga’e.
Ebli 27 guyyaa gootonni Itiyoophiyaa weerara faashiistii itti fashaleessanii fi birmadummaa Itiyoophiyaa guutummaatti itti kabachiisanii jedhan.
Dooktar Abiy Gootummaan biyyaaf gatii malee wareegama kaffalu, ofitummaa irraa bilisaan aarsaa ta’uudha jechuun ibsaniiru.
Kaayyoon isaas biyyaa fi uummata kan giddugaleeffatedha.
Faayidaan dhuunfaanis ta’ee gareen addatti argamu hin jiru.
Birmadummaa fi kabaja biyyaaf argamu irraa qooda lammummaa bahachuu malee.
Goototni abbootii fi haadholii faashistii wal waraanaan biyyaaafi lammii isaaniif jedhanitti.
Faayidaa dhuunfaa argachuuf gootummaa irraa baandummaan karaa gabaabaa ture jedhan.
Garuu isaan kana hin goone, qabsoon gootummaa isaanii diinota sadii waliin kan taasifame ture jechuun kaasaniiru.
Isaaniis Fedhii ofii, baandaa fi weeraraa faashistiitti.
Gootummaan faayidaa dhuunfaa faayidaa biyyaatiif jecha dhiisuudha.
Gootummaan kabaja dhuunfaa, aangoo dhuunfaa fi faayidaa dhuunfaa wareeguudha.
Kana fudhachuuf diina ofii dura mo’achuu danda’uu gaafata.
Baandota jechuun warreen of mo’achuu dadhaban jechuudha.
Wayita fedhii fi faayidaa dhuunfaa mo’achuu dadhaban, kabajaa fi faayida biyya isaanii gurguru.
Baandonni gama tokkoon ‘biyya keessan gurguraatii akka keenya dhuunfaatti fayyadamaa’ jedhu gama kanniin immoo karaa itti argasiisaa biyya weerarsiisu.
Har’as diinonni sadan kun ni jiru jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Maqaa fi bifaa qofa jijjiraniiru.
Gama biraan immoo har’as goototni Itiyoophiyaa dameelee garaa garaan bobba’anii jiraachuu ibsan.
Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka milkaa’uuf goototni biyyaalessaa ni barbaachiisu jedhan.
Gootummaa fedhii ofii, baandummaafi weerartuuf hin booji’amnetu nu barbaachiisa.
Gootummaa Indaastirii, Qonnaa, Nageenyaa, Siyaasaa Daldalaa , Dippiloomaasii , Tajaajila mootummaa, Fayyaa, Barnootaa fi kannneen biro barbaachiisa.
Ayyaana kana kan kabajnu sadarkaa gootummaa keenyaa gamaaggamuufi jedhan.
Itiyoophiyaaf haggam gootaa? har’as dadhabdoonni fedhii dhuunfaa isaanii hin injifanne jiru.
Biyya diiganii mana dhuunfaa isaanii ijaaruu kan hawwan.
Warreen dooniiwwan guddaa diiganii, bidiruwwan xixiqqoo gurguruu hawwantu jiru jedhan.
Waan xixxiqoof jechaa salphina baachuun kan hin leeyyanne.
Har’as weerarttonni jiru.
Warra qaamaan biyya weeraruuf qophaa’aniin ala, diinoonni biroo hiyyummaa, boodatti hafummaa fi hatummaa kanneen akka aramaa biyya weeraranii fi laamsheessuuf yaalantu jiru.
Baandota biyya alagaatti gurguruuf yaalaniin qixxee, baandonni faayidaa biyyaalessaa faayidaa dhuunfaa isaaniif gurguran hedduu jiraachuu himan.
Tajaajilaa fi qabeenya uumataa baandonni gurguran jiru jedhan.
Gootummaa biyyaalessaa jechuun diinoota kanneen sadan injifachuu jechuudha.
Gootummaan biyyaalessaa diinoota sadan injifachuu ta’uus injifannichi guutuumman guutuutti hin argamne jedhan.
Injifannichi akka Ebla 27 kan labsamu Wayita Itiyoophiyaan fakkeenya Badhaadhinaa Afrikaa taateedha.
Itiyoophiyaan biyyoota ciccimmoo addunyaa keessaa tokko wayita taatu.
Injifannoo kana dhugoomsuuf goototni Itiyoophiyaa jalatan hundi waloon akka ka’an waamichaa dhiyeessuun barbaadaa jedhan.
#Oromia #Ethiopia