Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Iyyoob Takkaaliny Godina Faagitaa Lakoomaatti hojii misooma koriidarii baadiyyaa eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Bulchaan Baankii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaaliny Godina Bulchiinsa Saba Awwii Aanaa Faagitaa Laakoomaa, Ganda Nachalaatti hojii misooma koriidarii baadiyyaa har’a eegalchiisaniiru.

Dooktar Iyyoob Takkaaliny saganticha irratti akka dubbataniitti, hojiin misooma koriidarii baadiyyaa haala jireenyaa qonnaan bulaa hunda galeessa ta’e fooyyessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Sagantaan kun walitti hidhamiinsa guutuu magaalaa fi baadiyyaa gidduu jiru cimsuu qofa osoo hin taane, jireenya qonnaan bulaa karaa itti fufiinsa qabuun jijjiiruuf akka dandeessisus ibsaniiru.

Hojii misooma koriidarii baadiyyaa Aanaa Faagitaa Lakoomaa Ganda Nachalaatti jalqabame keessatti Baankii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa tajaajila tola ooltummaa yeroo gannaa akka raawwatus himaniiru.

Yaadama mootummaa Ida’amuu keessaa tokko kan ta’e tajaajilli tola ooltummaa wal deeggaruu fi wal gargaaruu cimsuu bira darbee, gammachuu sammuu kan namaaf kennu ta’uu dubbataniiru.

Qe’eewwan baadiyyaa moodelli hojii misooma koriidarii baadiyyaatiin ijaaraman qabeenya naannoo keessatti argamuun kan ijaaraman ta’uun saganticha caalaatti cimsuuf carraa akka uumu eeraniiru.

Dooktar Iyyoob koriidariin baadiyyaa Ganda Nachalaa ji’oota sadii keessatti xumuruuf kutannoodhaan akka hojjetan ibsuusaanii ogeettiin Qajeelcha Kominikeeshinii Godinichaa Balaayinash Abbabaa Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Hojii misooma koriidarii baadiyyaa kana keessatti manneen jireenyaa sadarkaa eeggatanii fi naannoolee biroof fakkeenya ta’an akka ijaaraman mirkaneessaniiru.

Lammiileen yeroo bonaa tajaajila tola ooltummaa keessatti dammaqinaan hirmaachuun hawaasa deeggarsa barbaadan gargaaruuf akka gumaachanis waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.