Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee Giddugala tuurizimii fayyaa gochuuf….

Finfinnee, Hagayya 17, 2018(FMC)- Guyyaa har’aa Kompileeksii Meedikaalaa Niwu Laayif eebbisuun hojii eegalchiisneerra jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiya hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Kompileeksii Meedikaalaa Niwu Laayif eebbisuun hojii eegalchiisuu ibsaniiru.

Finfinnee Giddugala tuurizimii fayyaa taasisuu mootummaa qofaan kan milkeessinu qofa osoo hin taane damee dhuunfaan kan ijaaramanis ilaalcha keessa galchuuni jedhaniiru.

Hospitaalli guyyaa har’aa eebbifames kanaaf agarsiistuu ta’uu kaasaniiru.

Hospitaalichi Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Laaftootti aansee giddugala fayyaa teeknooloojiiwwan ammayyaa ‘PET-CT SCAN CAT LAB’ fi kanneen biroo guuttate isa lammaffaa ta’uus ibsaniiru.

Dhaabbilee fayyaafi hospitaalota damee fayyaarratti hojjetaniif deeggarsi godhamu cimee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.