Finfinneen Agarsiisa Turizimii “MICE” Ameerikaatti Qophaa’e Irratti Hirmaachaa Jirti
Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019 (FMC) — Magaalaan Finfinnee yeroo jalqabaaf Agarsiisa Turizimii MICE, “IMEX America 2026” Ameerikaa, Laas Veegaas, Naavaadaatti geggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jirti.
Kanaanis, Finfinneen carraawwan invastimantii turizimii magaalattii, qabeenyawwan turizimii akkasumas qophiiwwan bu’uuraalee misoomaa haaraa hawaasa idil-addunyaaf beeksisaa jirti.
Ekspoo kana irratti dhaabbileen daldalaa biyyoota addunyaa 150 ol irraa walitti dhufan kumni 3 fi 700 ol hirmaachaa jiru.
Magaalattiin achi irratti hirmaachuun dorgomummaa damee turizimii keessatti qabdu daran kan cimsu ta’uu odeeffannoon Waajjira Kominikeeshinii magaalattii ni mul’isa.
Finfinneen waggoota dhiyoo asitti walgahiiwwanii fi konfiransiiwwan idil-addunyaa akkasumas akka ardiitti gaggeeffaman hedduu gahumsaan keessummeessuun Afrikaa keessatti bakka turizimii konfiransiitiif filatamaa ta’uu ishee mirkaneessiteetti.
Ekspoon kun qabeenyawwan turizimii magaalattii caalaatti beeksisuu fi sadarkaa idil-addunyaatti qaamolee damee kana keessatti shoora olaanaa qaban, qajeelchitoota tuurizimii akkasumas invastaroota waliin hariiroo daldalaa cimaa uumuuf gumaacha olaanaa qabaata jedhameera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa