Fana: At a Speed of Life!

Furmaatawwan dhiibbaa Idaa Afrikaa Doolaara Tiriiliyoona 1.3 qolachuu danda’u…

Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Yaa’iin Moodeela bulchiinsa Idaa Afrikaa jijjiirurratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Dhiibbaa Idaa Afrikaa Doolaara Tiriiliyoona 1.3 furuuf kan dandeessissuu fi kallattii furmaataa kaa’uurratti kan xiyyeeffate yaa’iin birmadummaa Faayinaansii Afrikaa 2ffaan Magaalaa Finfinnee Hoteela Hiiltanitti taa’amuu eegaleera.

Yaa’ichi bulchiinsi Faayinaansii Afrikaa adeemsa baramaa kaffaltii Idaa dheeressuu keessaa bahuun, jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu fi maloota faayinaansii waara’aa ta’e gara hammattoo Diinagdee biyyaalessaatti galchuuf kan kaayyeeffateedha jedhame.

Biyyoonni Afrikaa 23 Idaa guddaa keessa kan jiran yoo ta’u rakkichaaf furmaata waaraa kaa’uuf waltajjii Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii diinagdee Afrikaan kan qophaa’eedha.

Biyyoonni Afrikaa galii waliigalaa qaban keessa 1/4 tajaajila idaa kaffaluuf dirqamu.

Idaan kunis baajata waliigalaa barnootaa fi Fayyaaf ramadan kan caalu ta’uu baniinsa yaa’ichaarratti ibsameera.

Kunis guddina diinagdee biyyaalessaa fi Invastimantii biyyoota Afrikaa daran miidhutu himame.

Yaa’iin kun hanga Ebla 30, 2018 kan turu yoo ta’u, biyyoonni yaa’icharratti hirmaatan sirna bulchiinsa liqaa isaanii ammayyeessuuf deeggarsa ogummaa fi karoora hojii ni dhiyeessuun eegama.

Masaafinti Birileetiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.