Gahee Miidiyaalee Waltajjii Marii Biyaalessaa Milkeessuu keessatti…
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018 (FMC) – Komiishiniin Marii Biyyaalessa Itiyoophiyaa, waltajjiin marii biyyaalessaa hunda mo’ataa akka taasisuuf, miidiyaaleen gahee isaanii sirriitti bahuu qabu jedhe.
Komiishinichi milkaa’ina waltajjii marii kanaatiif gahee miidiyaalee ilaalchisee waltajjii marii geggeessaa jira.
Komiishinarri Mahamuud Diriir yeroo kana akka jedhanitti, waltajjiin marii kun seenaadhaaf kan galmaa’u waan ta’eef, gabaasa baramee ala sirriitti uummataaf qaqqabsiisuun barbaachisaa dha.
Komiishinichi ajandaa sassaabuu akkasumas ajandaa fi hirmaattota addaan baasuu geggeessaa turuu ibsanii, waltajjiin biyyaalessaa kun Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee dhimmoota bu’uuraa 10 irratti akka geggeeffamu eeraniiru.
Waltajjiin marii biyyaalessaa kun Itiyoophiyaanota hunda mo’ataa akka taasisuuf miidiyaaleen gahee isaanii sirriitti bahuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Gabaasni miidiyaaleen tamsaasan keessattuu hirmaachisummaa fi walaba ta’uu adeemsa marii kanaa kan mirkaneessan ta’uun akka irraa eegamu eeraniiru.
Rakkoolee bu’uuraa biyyattii furuuf carraa marii biyyaalessaatiin argame balleessuuf odeeffannoowwan dogoggoraa raabsaman qulqulleessuu keessatti miidiyaaleen gahee isaanii akka bahanis waamichi dhiyeessaniiru.
Haayilamaariyaam Taganyiin
#Oromia #Ethiopia