Gara COP32 tti…
Finfinnee, Sadaasa 4, 2019 (FMC) – Hojiileen Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan bara 2011 eegaltee hojjette Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa mootummoota Gamtoomanii 32ffaa akka qopheessituuf carraa uumeera.
Bara darbe Yaa’ii COP 30ffaa Biraazilitti gaggeeffamerratti Itiyoophiyaan yaa’ii 32ffaa akka keessummeessitu filatamuun kan yaadatamuudha.
Filannoon kun akka carraatti kan argame osoo hin taane bu’aa hojiitiin.
Hojii sagantaa Ashaaraa magariisaan beekumsaa fi dafqan hojjetameedha.
Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2025 Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaa Finfinneetti qopheessiteetti.
Yaa’icharratti hirmaattoonni kumni 26 ol argamaniiru.
Afrikaan miidhamummaarraa gara furmaata dhiyeessutti wayita ceetu, dura bu’uun kan qajeelchite Itiyoophiyaadha.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa gaarreen qofa hin uwwisne, wabii birmadummaas ta’eera.
Itiyoophiyaan biyya qabeenya ishee fi humna lammiileen misooma ijaaruu dandeessudha, harka qaama kamiiyyuu hin eeggattu.
Finfinneen qofti Biqiltuuwwna miiliyoona 90 ol dhaabuun uwwisa bosonaa % 2.8 irra ture % 24 guddifte.
Itiyoophiyaan waggoota saddeettan darban keessa biqiltuuwwan biiliyoona 56 ol dhaabuun seenaa hojjetteetti.
Kunis biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane seenaa har’a boru ijaaruuti.
Yaa’iin Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee Antaaliyaatti gageeffamaa jira.
Itiyoophiyaanis yaa’icharratti hojiilee hojjete akkaan beeksisuurratti argamti.
Amma ijji addunyaa gara Itiyoophiyaatti naanna’eera.
Itiyoophiyaan bara dhufu Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa mootummoota Gamtoomanii 32ffaa keessummeessuuf qophiitti jirti.
Sababa kanaan waggoota tokko booda hoggantoonni biyyoota addunyaa, dhaabbilee idil addunyaa, mariisiiftoonni, gaazexeessitoonnii fi kanneen biroo gara Finfinnee dhufu.
Yeroo sana miiliyoonnoonni hojiilee Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan hojjette, gaarreen uwwistee fi sulula misoomsite ni daawwatu.
Waltajjii bu’aan dhamaatii Itiyoophiyaa qabatamaan itti mul’atudha.
Yeroo sana Itiyoophiyaan jechaan osoo hin taane biqiltuuwwan lataniin, gaarreen misoomanii fi Sululoota lubbuu horataniin dubbatti.
Itiyoophiyaan anniisaa magariisaa qilleensaa, Aduu, Hurkaa babal’isuurra dabartee Anniisaa Niwukilaarii misoomsuuf hojii eegalteetti.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa