Godina Arsii Lixaatti qonna gannaatiin lafti hektaarri Kuma 400 ol sanyii midhaan adda addaan uwwifame – Waajjiricha
Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Godina Arsii Lixaatti qonna gannaa bara kanaan lafti heektaarri Kumni 400 fi kumni 90 fi 200 sanyii garagaraan uwwifameera jedhe waajjirri Qonnaa Godinichaa.
Ittigaafatamtuun waajjirichaa Aadde Asnaaqeech Ibraahiim akka ibsanitti, lafa heektaara kuma 500 fi kuma 35 fi 200 oli qotuuf karoorafamee, hanga ammaatti Kumni 400 fi kumni 90 fi 200 oli qotamee sanyiin midhaanii adda addaa irratti facaafameera.
Lafa sanyiin uwwifamee keessaaa heektarri kuma 100 fi kuma 99 fi 500 ol misooma qamadiin kan qabame ta’uus eeraniiru.
Lafti heektarri kuma 400 fi kuma 28 caalus qonna kilaastaraan kan misoome ta’uun eerameera.
Aanaaleen dursanii qonnaa eegaluun hojii facaasaa rawwaataan birattis hojiin kunuunsaa eegalamuun ibsameera.
Deggersi ogummaa qonnaan bultootaaf kennamaa kan jiru ta’uu fi xaa’oon kuntaalli kuma 400 fi kuma 35 oli qonnaan bultootaaf raabsamuu Dursaan Garee Calla Guddistuu Waajjira Waldaa Hojii Gamtaa Godinichaa Obbo Ismaa’eel Balaxaa himaniru.
Waldaleen 152 kilaastaara 83’n raabsaa xaa’oo irratti hojjataa kan jiran ta’uus eeran.
Qonna gannaa kana irraa callaa kuntaala Miliyoona 22 fi kuma 600 fi kuma 15 oli argachuuf karoorfamuunis ibsameera.
Lammaa Tasfaayeetuu gabaase
#Oromia #Ethiopia