Hojiin ijaarsa bu’uraalee misoomaa fayyadamummaa hawaasa baadiyyaa mirkaneessan cimee itti fufeera – TKM
Finfinnee, Ebla 26, 2018 (FMC) – Hojiin ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa hawaasa baadiyyaa mirkaneesse cimee itti fufeera jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Guutuun ergaa tajaajilichi dhimma kana irratti dabarse akka armaan gadiitti dhiyaateera:
Hojiin ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa hawaasa baadiyyaa mirkaneesse cimee itti fufeera.
Mootummaan waggoota saddeettan darban keessatti dameewwan daandii, jallisii fi bishaanii irratti baajataa guddaa ramaduun, jireenya hawaasummaa fi dinagdee lammiilee fooyyessuuf hojiiwwan bal’aa hojjeteera.
Damee daandiitiin uwwisni daandii bara 2010 keessa km kuma100 fi kuma 26fi 773 ture, waggoota saddeettan keessatti gara km kuma 100 fi kuma 80 fi 232tti guddateera.
Kunis yeroo gabaabaa keessatti daandiin haaraan km kumni 53 ol ijaaramee misooma biyyaatiif ooleera jechuudha.
Jijjiiramaan dura daandiin saffisaa tokko qofti kan ture; yeroo ammaa pirojeektonni Moojoo-Arsii Nagallee fi Dirree Dhawaa-Dawwaalee xumuramanii tajaajilaaf oolaniiru.
Fuuldurattis Itiyoophiyaa abbaa daandii saffisaa km 1,600 taasisuuf pirojeektonni haaraan afur qophii irratti argamu.
Misooma jallisiitiin ijaarsa pirojeektota akka Tandaahoo, Qooxoo, Ribuu fi Magac dabalatee, pirojeektonni xinnanoo fi giddu-galeessi hedduun ijaaramuun qonnaan bulaan waggaatti irra deddeebiee oomishu dandeessiseera.
Kunis lafti hektaara miiliyoona 3 ol qamadii jallisii boneetiin kan misoome yoo ta’u, Itiyoophiyaan qamadii gara alaatti akka ergitu bu’ura kaa’eera.
Uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf waggoota 6’n darban keessatti Itiyoophiyaa keessatti pirojeektonni bishaan dhugaatii qulqulluu guguddoon hojjetamaniiru.
Isaan keessaas Logiyaa, Godee, pirojeektii bishaan lafa jalaa Lagadaadhii boqonnaa 2ffaa, pirojektii bishaan dhugaatii Anjeelee, pirojektii ganda hedduu Daaliifaagee fi pirojektiin bishaanii Huursoo isaan ijoodha.
Dabalataan pirojeektonni Ayisa’iitaa fi Afaambo, Gannatee, Akkar akkasumas Goorroo-Caancoo xumuramanii tajaajilaaf kan oolan yoo ta’u, hojiiwwan kun hanqina bishaanii magaalotaa fi baadiyyaa keessatti mul’atu furuun lammiileen miiliyoonaan lakkaawwaman fayyadamoo ta’aniiru.
Ijaarsi bu’uraalee misoomaa kun carraa hojii miiliyoonotaaf uumuu malees, dandeettii teeknikaa biyya keessaa cimseera.
Pirojeektota qabeenyi biliyoonaan lakkaawwamu itti dhangala’e kunneen tajaajila itti fufiinsa qabu akka kennan eeguu fi kunuunsuun dirqama hunda keenyaati.
Mootummaanis bu’uuraalee misoomaa gara naannolee fagoo jiranitti babal’isuu fi kanneen jiran ammayyeessuuf xiyyeeffannoo guddaan hojii isaa itti fufa.
Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa