Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiivii Misooma Ruuzii Naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Sadaasa 16, 2019 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Inisheetiviin Misooma Ruuzii bara 2013/14 eegale.

Mootummaan Ida’amuu Inisheetiivii misooma Ruuzii kanaaf xiyyeeffannoo olaanaa kenneen hojii hojjetameen bu’aa gaariin galmaa’aa jira.

Oromiyaatti bara oomishaa 2017/18 lafa sanyii Ruuziin Uwwifame Hektaara miiliyoona 1.2 irraa callaa kuntaalli miiliyoonni 63 argameera.

Bara oomishaa 2018/19 ammoo lafti hektaarri miiliyoonni 1.5 sanyiin uwwifamee yeroo ammaa sassaabbiin eegalameera.

Hanga ammaattis lafa hektaara kuma 500 fi kuma 44 fi 607 irraa oomishni walitti qabameera.

Inisheetiiviin misooma Ruuzii kun Oomishaa fi Oomishtummaa Qonnaan bulaa dachaan dabaluu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.

Naannoon Oromiyaa lafa oomisha Ruuziif mijatu hektaara miiliyoona sadiitti ol qabdi.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.