Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee mirgi qabeenya uumamaa ishee misoomsuuf qabdu eegamaadha
Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee mirgi qabeenya uumamaa ishee misoomsuuf qabdu eegamaadha jedhe Ministeerri Bishaaniifi Inarjii.
Ministeerichi ibsa baaseen, ilaalchi gita bittaafi abjuun olaantummaa bishaanii Ijipt jaarraa 21ffaa keessatti iddoo kan hin qabne ta’uufi adeemsa boodatti hafaa akka ta’e ibseera.
Itiyoophiyaan Abbaay dabalatee qabeenya uumamaa ishee misoomsuufi fedhii dhaloota itti aanuu guutuuf mirga ishee haalaan akka fayyadamtu hubachiiseera.
Yaada dhiyeenya Ministirri Qabeenya Bishaaniifi Jallisii Ijipt kennan fudhatama kan hin qabne ta’uufi hariiroo Ijipt biyyoota Afrikaa waliin qabduun ilaalacha gita bittaa hordoftu ifatti kan agarsiise ta’uu eereera.
Ijipt biyyoonni yaa’aa biroon qabeenya isaanii kan fayyadaman ishee gaafachuun fi eenyama erga argataniin booda jettee yaaduun ishee yaadama duubatti hafaa yeroo mara “ani olaantummaa haa qabaadhu” jedhu irraa kan maddu ta’uus kaaseera.
Ejjennoon Ijipt kun dhugaa irraa kan fagaatee ta’uus ministeerichi ibseera.
Haasawaan jibbiinsaan guutame anga’oonni Ijipt dhageessisaniifi adeemsi hordofan miira tumsaa biyyoota yaa’aa gidduu jiraachuu qabu kan faallessu ta’uus eereera.
Itiyoophiyaan laggeen daangaa ce’an madda waldhabdeefi qoccolloo osoo hin taane tumsa, guddina waloofi walitti hidhamiinsa naannawaa kan cimsan ta’uu akka qaban amanti jedheera.
Adeemsi yeroon irra darbe qaamni tokko qofti fayyadamaa itti ta’uufi mirga biyyoota yaa’aa mulquun olaantummaa humnaan warreen kaan irratti fe’uuf taasifamu fudhatama akka hin qabne hubachiiseera.
Qaamoleen tokko tokko laga Abbaay akka ajandaa walitti bu’uunsaatti ilaaluu yoo filatan, Itiyoophiyaan garuu nageenya waaraa yaa’ichaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjetteetti jedheera.
Itiyoophiyaan naannawaa yaa’a bishaaniitti hojii eegumsa qabeenya uumamaa hojjechuufi sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bal’inaan gaggeessuu eereera.
Tarkaanfiin Itiyoophiyaa kun seenessa dogoggoraa Ijipt waliin yoo ilaalamu garaagarummaa guddaa kan qabuufi adeemsa ammayyaa’aa akka ta’e ibseera.
Kanaaf Ijipt adeemsa yeroon irra darbe keessaa baatee dhimmicha ilaalcha jaarraa 21ffaan akkaataa wal kabajaafi faayidaa yeroo dheeraa qaamolee hundaa kabajeen ilaaluu qabdi jedheera.
Yeroon Ijipt abjuu olaantummaa yeroon isaa irra darbe dhiistee haala qabatamaa tumsa haaraa fudhachuu qabdu amma ta’uus ibseera.