“Rakkoolee Afrikaaf Furmaata Afrikaawaa” – Tumsaa fi Michummaa Raashiyaa
Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2019 (FMC) — Afrikaan qabeenya uumamaan badhaatus, qabeenya ishee kana jaarraa hedduuf koloneeffattoonni itti fayyadamaa, Afrikaanonni garuu taa’anii ilaalaa turan.
Afrikaanonni qabsoo hadhaawaa geggeessaniin cunqursaa kolonii jalaa erga bilisa ba’anii booda garuu, rakkoolee isaanii ofiin furuu fi tumsa waloo cimsuuf dhaabbilee akka Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (Gamtaa Afrikaa) hundeessaniiru.
Afrikaanonni rakkoolee dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa ardichaaf furmaata argamsiisuu, akkasumas ajandaa of danda’uu wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu galmaan ga’uuf, qajeeltoo “Rakkoolee Afrikaaf Furmaata Afrikaawaa” jedhu hojiirra oolchaa jiru.
Kaayyoon qajeeltoo kanaas rakkoolee siyaasaa fi karoora misoomaa isaanii, gidduu seentummaa qaamolee alaa malee, beekumsa Afrikaanotaatiin furmaata akka argatan taasisuudha.
Kunis adeemsi Afrikaanonni dandeettii ofii isaanii cimsachuun, dhiibbaa qaamolee biroo dandamachuu fi mirga isaanii kabachiisuuf humna isaanii akka guddifataniif gargaara.
Adeemsa kana keessatti Raashiyaan michuu jalqabaa taatee mul’atteetti.
Raashiyaan Afrikaan akka of dandeessuu fi gidduu seentummaa qaamolee alaa hambisuuf tattaaffii gootu biyyoota deeggaran keessaa tokko dha.
Biyyoonni Afrikaa dandeettii isaanii cimsachuun dhiibbaa qaamolee biroo dandamachuu fi murtoowwan faayidaa isaanii tilmaama keessa hin galchine hambisuu akka danda’an amanuudhaan, Raashiyaan tumsa garaagaraa kennaa jirti.
Hariiroon Afrikaanonni Raashiyaa waliin qaban har’a kan uumame osoo hin taane, seenaa keessatti kan walitti hidhame, saffisaan guddachaa fi cimaa dhufee dha.
Hariiroon Raashiyaan Afrikaanota waliin qabdu obbolummaa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, tumsoota gama hedduu bal’aa kan ofi keessaa qabuu dha.
Tumsi kun ji’oopoolitikaa, wabii nyaataa, daldala, nageenya, barnoota, teeknooloojii, anniisaa fi dameewwan kana fakkaatan ofi keessatti hammata.
Raashiyaan hariiroo gam-lamee biyyoota Afrikaa waliin qabdu malees, tumsa qaamolee hedduu hirmaachisu kan akka BRICS keessatti hirmaachuun biyyoota Afrikaa waliin walitti hidhamiinsa guddaa qabdi.
Yaa’iin Raashiyaa fi Afrikaa marsaa sadaffaan har’aa fi boru Moskoo, Raashiyaatti gaggeeffamus agarsiiftuu tumsa kanaati.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Beetaliheem Girmaatiin