Fana: At a Speed of Life!

Jecha Gochaan, missiraachowwan labsii Gubaa

Finfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) – Qormaatilee mudatan carraatti jijjiiruuf muuxannoo kan qabdu Itiyoophiyaan mul’ata badhaadhinaa ishee bu’uura cimaarratti ijaaraa jirti.

Qormaatilee gara carraatti jijjiiruun, gaaffilee misoomaa uummataa sadarkaa sadarkaan deebisuuf Pirojektoota gurguddoo eegalte qulqullinaafi ariitiin xumuruun kutannoo qabatamaa mul’isaa jirti.

Carraawwan misoomuu, humna namaa fi beekumsa qindoominaan hogganuun badhaadhina qabatamaa sadarkaa hundatti mirkaneessu ijaaruun waan hundaan ofdanda’uuf hojjechuurratti argamti.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, eebba pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicharratti Labsiiwwan torba gubaa irraa ifa gochuun isaani ni yaadatama.

Labsiiwwan kunneen guddina dinagdee Itiyoophiyaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu bira darbee, faayidaa waliinii irratti hundaa’uun, sagalee fi dhiibbaa Itiyoophiyaa naannawaa fi addunyaa irratti dabaluuf gahee olaanaa qabu.

Pirojektoonni Doolaara Ameerikaa biiliyoona 30 oliin hojirra oolan kunneen Teeknooloojii niwukilarii babal’isuu fi misoomsuu, Ijaarsa daandi qilleensaa,Warshaa gaazii, warshaa xaa’oo,Warshaa qulqulleessaa boba’aa ,Ijaarsa warshaa gaazii lammaffaa jalqabsiisuu,Mana jireenyaa miiliyoona 1.5 ol lammiileef ijaaruu fa’i.

Teeknooloojiin Niiwukilaaraa kun Indaastiriif, yaala fayyaatiif, qonnaa fi humna elektiriika qulqulluu maddisiisuuf gahee olaanaa qaba.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa damee geejjibaa qilleensaa Afrikaa keessatti guddaa fi saffisaan guddachaa jiru yoo ta’u, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa fi bal’aa karoora babal’ina isaa keessummeessuuf danda’u barbaada.

Fedhii biyyaalessaa fi naannawaa kana bu’uura godhachuun pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu karoorfame gara hojiitti seenee jira.

Buufatichi waggaatti imaltoota hanga miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 ol keessummeessuu danda’a. Kana jechuun, addunyaa irratti buufatawwan xiyyaaraa gurguddoo 10 keessaa tokko, Afrikaa irraa immoo isa jalqabaa ta’uuf dandeettii qaba jechuudha.

Hirkattummaa waggoota dheeraa itti fufiinsaan cabsuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan karoorfame, naannoo Somaalee, magaalaa Godee keessatti warshaan xaa’oo guddaan ijaaramaa jiru seenaa qonnaa Itiyoophiyaa fi gahee isheen naannawaa irratti qabdu gara boqonnaa haaraatti kan ceesisudha.

Pirojektiin guddaan kun, baasii Doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan gaafatu yoo ta’u, qabeenya uumamaa biyyattii misooma itti fufiinsa qabuuf oolchuuf tarkaanfii tarsiimawaa fudhatameedha.

Pirojektiin Doolaara biiliyoona 2.5 ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, waggaatti xaa’oo Yuuriyaa jedhamu meetirik toonii miiliyoona 3 oomishuuf karoorfameera.

Mootummaan jijjiiramaa rakkoolee manneen jireenyaa furuuf manneen jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf waadaa galee ture.

Kanuma bu’uura godhachuun Dhaabbata liqii bittaa manaa deebisanii cimsuufi hundeessuuf jecha hammattoon walta’iinsa seena-qabeessi Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaafi Korporeeshinii Maallaqa Idil-addunyaa gidduutti mallattaa’eera.

Dhaabbanni gama Itiyoophiyaatiin Birrii biiliyoona 100 fi gama Korporeeshinii Maallaqa Idil-addunyaatiin ammoo gumaacha Doolaara miliyoona 200 gahuun hundaa’e kun walsimuu dhabuu yaa’a maallaqa callaa damee baankii biyya keenyaatti mul’atu kan furuufi Itiyoophiyaa guutuutti liqii maallaqa bittaa manaa kan argamsiisudha.

Michummaan kun tarkaanfii murteessaa manneen miiliyoona 1.5 gatii walsimaa ta’eefi kabaja Itiyoophiyaanotaaf malan dhiyeessuuf, akkasumas tarkaanfii murteessaa galma sirna maallaqaa keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa babal’isuuf kaawwame milkeessudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.