Fana: At a Speed of Life!

Kaayyoon marichaa karaa nagaan biyya fooyyofte ijaaruudha- Mari’attoota

Finfinnee,Hagayya 13, 2018 (FMC)- Kaayyoon marii biyyaalessaa karaa nagaan biyya fooyyofte ijaaruudha jedhan mari’attoonni Yaa’ii Marii Biyyaalessaa.

Mari’attoonni yaa’icharratti hirmaachaa jiran rakkoolee biyyattii mariifi waliigalteen furuuf adeemsi godhamaa jiru faayidaa qabeessa ta’uu dubbataniiru.

Marichi waraanaafi jibbiinsaan osoo hin taane rakkoolee mariin furuun biyya nagaa qabdu ijaaruuf kaayyoo godhachuu dubbataniiru.

Maricharratti hirmaattonni kutaalee hawaasaafi paartilee siyaasaa garaagaraa qixa hirmaachaa akka jiran eeraniiru.

Adeemsichi marii gareewwan xixiqqoo irraa gara waltajjiiwwan marii gurguddaatti ce’uu kaasanii, hirmaattonni rakkooleefi ilaalacha hawaasa garaagaraa haala gaariin akka hubataniif carraan uumamuus ibsaniiru.

Faayidaafi miidhaa yaadota ka’anii waloon madaalaa gara waliigalteerra ga’uuf tattaaffiin godhamaa akka jirus kaasaniiru.

Itiyoophiyaanonni waltajjii tokko irra waliin taa’anii rakkoolee irratti mari’achuun furmaata waloo barbaaduun nageenya waaraafi waliigalteef abdii guddaa kan uumu ta’uus ibsaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.