Kitaabni seenaa Jireenyaa fi imala loltummaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa irratti xiyyeffate ’Dil Qursuu” jedhuu eebbifame
Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Kitaabni seenaa jireenyaa fi imala loltummaa Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa irratti xiyyeeffate ‘Dil Qursuu’ jedhuun barreeffame eebbifameera.
Sagantaa eebba kitaabicharratti Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xuruunaa, Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itiyoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Pireezidaantiin duraanii Itiyoophiyaa Dooktar Mulaatuu Tashoomaa, Qondaaltonni Olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa, hawaasni dippiloomaatii fi keessummonni waamichi taasifameef argamaniiru.
Kitaabni boqonnaa saddeetitti barreeffame kun bu’aa ba’ii daa’imummaa hanga ammaa, oolmaa biyyaaf oolan, biyaya isaanii diina irra eeguuf murannoo hoggansaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan kennan kan of keessatti qabateedha.
Barreessaan kitaabichaa Amaan Taaddasaa barreeffama isaa keessatti,”laggeen Kuyyaaraa gidduudhaa maddee, Raayyaa Ittisa Biyyaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisan” jechuun seenaa jireenyaa fi hojii isaanii seenesseera.
Kitaabni “Dil Qursuu” yeroo haleellaan miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatame, humni waraanaa gama odeeffannoo fi meeshaatiin dadhabee ture walitti qabuun, deebisanii gurmeessuun fi hoggansa kennuun, Fiild Maarshaal Birhaanuun yeroo murteessaa keessatti hogganaa murannoo qabu ta’uu isaanii irratti kan xiyyeeffatedhas.
Fiild Maarshaal Birhaanuun raayyaa bittinnaa’e deebisanii ijaaruun ulfaataa ta’us, hojiiirra oolchuun isaanii fi uummata Itiyoophiyaaf injifannoo labsuu isaanii kitaabichi ni hima.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Dursaa waraanaa guddichaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaaf badhaasa Medaaliyaa Leencaa Gurraachaa kennuufiin ni yaadatama.