Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Naqamtee Ilaalama Ida’amuun miidhagina addaa Goonfatte

Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Magaalli Naqamtee magaalaa xiyyeeffannaa mootummaa naannichaa argachuun ariitiin guddachuun imala dorgomtummaa milkeessaa jirtudha.
Misoomni koriidarii magaalichaas miidhagina ishee dabaluun hawwattuufi jireenyaaf mijattuu taasisee jira.
Akkasumas Carraa hojii bal’aa uumuufi investimentiii hawwachuun qabeenya uumamaa magaalichiifi godinni Lixa Oromiyaa qabu qabatamaan gara humna diinagdeefi badhaadhinaatti jijjiiruufis bu’uura cimaa ta’aa jira.
Misoomni koriidarii Magaalaa Naqamtee midhagina magaalaafi carraa hojii uumuurra darbee sosochii daldalaa si’eessuun dhaabbile Invastimentii hawwachaa jiraachuu Kantiibaa Itti Aanaa Magaalaa Naqamtee Obbo Gammadaa Tafarraa himaniiru.
Bakkeewwan seenaa qabeeyyiin magaalichaa kanneen akka Godambaa Wallaggaa, Masaraa Kumsaa Morodaafi kanneen biroo misoomsuun caalmatti hawwata turizimii akka ta’aniifis carraa guddaa kan uumeedhas jedhan.
Maabraatee Hundeetiin
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.