Magaalichatti Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun baazaariin baname
Finfinnee, Hagayya 28, 2018(FMC)- Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee Ayyaana bara haaraa 2019 sababeeffachuun baazaarii ayyaanaa eegalchiiseera.
Hogganaa Itti aanaan Biirichaa Tsaggaayee Dabalaa wayita kana akka jedhanitti, magaalichatti qaala’iinsa gatii ittisuufi haqa qabeessummaa sirna daldalaa mirkaneessuuf hojiilee hedduun hojjetamaniiru.
Rakkoon dhiyeessii oomishaalee bu’uuraa akka hin jirre ibsuun, qaamolee ayyaanicha sababeeffachuun dabballii gatii taasisan, oomishaalee seeraan ala kuusan fi dhoksan irratti tarkaanfii barbaachisaan kan fudhatamu ta’uus hubachiisaniiru.
Baazaariiwwan ayyaanaa Kutaalee Magaalaa 11 keessatti banamuu fi oomishni gahaan dhiyaachuu eeraniiru.
Baazaariin Ayyaanaa kun har’a irraa eegalee hanga Qaammee 5, 2018’tti hawaasaaf tajaajila kan kennan ta’uu ibsuusaanii ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia