Fana: At a Speed of Life!

Mallattoo Birmaddummaa; Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hundeeffama isaa irraa eegalee waggoota 90f birmaddummaa fi tokkummaa daangaa biyyattii kabachiisuurratti gahee seena qabeessa bahaa tureera; ammas hojii isaa itti fufeera.

Dhaabbatichi yeroo gara garaatti qormaata walxaxaa isa mudate ciminaan keessa darbuun, bu’aa wareegama guddaa kabaja daangaa biyyaafi nageenya uummataaf jecha kaffalee tiksuudhaan, hanga har’aatti gaachana Itiyoophiyaa samii irraa ta’ee itti fufeera.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hundeeffamasaa waggaa 90ffaa  mata duree “Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Mallattoo Birmaddummaa fi Tokkummaati” jedhuun wayita kabaje akka ibsametti, dhaabbanni kun birmaddummaa biyyattii kabachiisuu qofa osoo hin taane, Afrikaa guutuuf fakkeenya ciminaafi kabajaa ta’ee tajaajilaa jira.

Waggoota dhiyoo asitti hojiiwwan fooyya’iinsaa fi deebisanii ijaaruu bal’inaan gaggeeffamaniin, dhaabbatichi dandeettii teeknooloojii olaanaa fi humna namaa cimsachuu danda’eera.

Humni Qilleensaa kun xiyyaarota waraanaa sadarkaa olaanaa, sirnoota raadaarii fi ittisa qilleensaa ammayyaa, xiyyaarota nama maleessa, akkasumas waltajjiiwwan leenjii teeknooloojii dijitaalaan deeggaraman walitti makuun, gara dandeettii teeknooloojii meeshaalee waraanaa dhaloota afraffaatti ce’eera.

Hanga bara 2030tti sadarkaa teeknooloojii meeshaalee waraanaa dhaloota shanaffaatti ce’uuf kutannoon hojjechaa jira.

Kaayyoon ijoo Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii haleellaa ittisuu fi nageenya kabachiisuu cimsuu ta’us, diinni kamiyyuu birmaddummaa biyyattii tuqu yoo jiraate, dirqama Heera Mootummaan itti kenname ga’umsaan ba’uuf yeroo hunda guutummaatti qophaa’ee jira.

Kana malees, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa daangaa biyya eeguufi biyyoota Afrikaa gara garaatti ergamoota nageenya kabachiisuu gaggeeffaman irratti dammaqinaan hirmaachuun, nageenyaafi tasgabbii ardichaaf gumaacha olaanaa gumaacheera.

Yeroo ammaa Humni Qilleensaa kun guddina dinagdee biyyattii fi dippilomaasii ammayyaan karaa walsimeen guddachaa kan jiru yoo ta’u, daangaa qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaa fi halkan dammaqinaan eeguun, birmaddummaa seenaa fi Heera Mootummaa biyyattii karaa amansiisaa ta’een kabachiisaa jira.

Dandeettii ittisaa ammayyaa, ogummaa humna namaa fi dhiibbaa ardawaa isaa guddisuun Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa nageenya biyya mirkaneessu, seenaa bilisummaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuufi gara fuulduraattis birmaddummaa fi faayidaa biyyaalessaa biyyattii jabeessee eeguuf gaachana cimaa ta’ee itti fufeera.

Abirahaam Abarraatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.