Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 4 fi kumni 800 ol sanyiin uwwifame

Finfinnee,Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti qonna gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 4 fi kumni 800 fi kumni 52 ol sanyiin uwwifame jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.

Naannichatti bara kana lafa hektaara miiliyoona 11 fi kuma 100 fi kuma 73 misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarri miiliyoonni 9 fi kumni 600 fi kumni 34 ol qophaa’uun hektaarri miiliyoonni 4 fi kumni 800 fi kumni 52 ol sanyiin uwwifame jedhan Ittaanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo obbo Eeliyaas Kadir.

Waliigala lafa qophaa’e keessaa % 43 faca’uu himan.

Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaasitti facaasaan kilaastera sanyii filatamaa qamadii bakka hooggansi naannoo argamanitti gaggeeffameera.

Bara kana giddugaleessaan hektaara tokkorraa callaa kuntaala 34.1 argachuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, waliigala callaa kutaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 80 fi kuma 600 fi kuma 59 walitti qabuuf hojjetamaa jira.

Hanga ammaatti Xaa’oo gale kuntaala miiliyoona 8 fi kuma 400 fi kuma 54 ol keessaa miiliyoonni 4 fi kumni 800 ol raabsamuu ibsan obbo Eeliyaas.

Sanyii filatamaa kuntaala miiliyoona 2 ol raabsuuf karoorfamee, kuntaalli kumni 500 fi kumni 6 fi 851 hanga ammaatti raabsamuu kaasan ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.