Obbo Geetaachoo Raddaan Ministira Daldala Alaa fi Tumsa Misoomaa Neezarlaandis waliin mari’atan
Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaan Ministira Daldala Alaa fi Tumsa Misoomaa Neezarlaandis Sijoordi Sijoordismaa waliin mari’ataniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii fi dhimmoota naannawaa xiyyeeffannoo barbaadanirratti mari’atan.
Obbo Geetaachoon dhimmoota Naannawaa Baha Afrikaa keessattuu haala Waqtaawaa Sudaa fi tattaaffii Itiyoophiyaan naannawichatti nageenya buusuuf taasisaa jirtu ilaalchisee ministirichaaf ibsa godhaniiru.
Dhimmoota hariiroo Daldalaa, Invastimantii fi Diinagdee biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.
Sijoordi Sijoordismaan gama isaaniin, biyyi isaanii hariiroo daldalaa, Invastimantii fi tumsa Diinagdee Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti guddisuuf fedhii qabaachuu kaasan.
Mariin qaamolee lamaanii Yaa’ii Waliigalaa 81ffaa Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamaa jiru cinaatti ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia