Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii Fiinlaand waliin mari’atan
Finfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC)- Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii Fiinlaand Aleeksaandar Istaab waliin mari’ataniiru.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, pireezidaanticha waliin dhimmoota gam-lamee, naannawaa fi gam-hedduu irratti mari’achuu eeraniiru.
Marii isaaniin hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti cimsuuf akkasumas fedhiiwwan waloofi dhimmoota naannawaarratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu ibsaniiru.