Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoota ooyruu xiqqaa qabaniif tajaajilli faayinaansii fi inshuuraansi dhiyaachaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Oomishaa fi oomishtummaa Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota jijjiirama qabeenya qilleensaaf saaxilamanii fi ooyiruu xiqqaa irratti oomishanii guddisuuf deggersi faayinaansii fi inshuuraansii kennamaafii jira.

Mariin saaxilamummaa jijjiirama qilleensaa fi  dhiyeessii faayinaansii qonnaan bultoota ooyiruu xiqqaa irratti oomishanii irratti xiyyeeffate geggeeffamaa jira.

Ministirri Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee waltajjicha irratti, Itiyoophiyaan karoora misoomaa guddicha waggaa 10’n damee qonnaaf xiyyeeffannaa kenniteen oomishaa fi oomishtummaa guddisuun akka danda’amu kaasaniiru.

Kanaanis qamadii faayidaa biyya keessaaf oolu guutummaan guutuutti oomisha biyya keessaan guutuun kan alaa galu hambisneerra jedhan.

Fooyya’iinsi dinagdee hammataa fi jijjiirama qilleensaa dandamachiisu hojiirra ooluu ibsanii, biqiltuuwwan waggaa waggaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman tattaaffii biyyattiin nyaataan  of danda’uuf gootu deggeraa akka jiru dubbataniiru.

Sagantaa Maaddii Guutuunis walabummaa nyaataa mirkaneessuuf gama sirna nyaataa lammiilee jijjiiruun bu’aa guddaa qabaachuu ibsan.

Imaammanni Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa qonnaan bultoonni ooyiruu xiqqaa qaban haala salphaan liqaa faayinaansii akka argataniif carraa kan kennu ta’uus eeraniiru.

Kanaanis humni maallaqaa fi inshuuraansii qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa
akka cimuuf gargaaruun oomishaa fi oomishtummaan isaanii akka dabaluuf deggersi ta’aafii jira jechuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana (http://t.me/afanoromofana)

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo (http://www.youtube.com/@fmcafaanoromoo)

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo (http://www.fanamc.com/afaanoromoo)

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.