Qormaatilee keessatti Milkaa’uu- Bu’aa Cichoominaa
Finfinnee, Fulbaana 11, 2019(FMC) – Itiyoophiyaan waggoota jijjiiramaa asi qormaatilee seenessa qeenxee fi hafuura finxaleessummaa bu’uureffachuun mudatan dandamattee guddina addunyaa ajaa’ibsiise galmeessuu dandeessetti.
Ragaan dhaabbilee akka IMF, Baankii Addunyaa fi Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (NBE) irraa argamu akka agarsiisutti, Itiyoophiyaan qormaata dinagdee gooroo, hanqina sharafa alaa, liqaa, qaala’iinsa jireenyaa fi rakkoolee nageenyaan walqabatan keessa jiraattullee, jijjiirama dinagdee fi guddina oomishaa itti fufsiisuuf sirna imaammataa haaromsaa fayyadamuun hojjechaa jirti.
Akka ragaalee kanneeniittis ta’e akka gabaasa mootummaatti bara 2025tti(ALA) guddinni dinagdee waliigalaa biyyattii 9.2% ta’e galmaa’eera.
Kunis tarsiimoon misoomaa mootummaan Ida’amuu hordofaa jiru qormaataan olitti bu’aa galmeessee olka’iinsa Itiyoophiyaa kan dhugoomsu ta’uu isaa ti.
Oomishni biyya keessaa, al-ergiin, kuufamni sharafa alaa fi galiin mootummaa hanga jalqaba 2026tti fooyya’aa dhufuu ragaan IMF ni mul’isa.
Qormaata keessatti jijjiramni gama hundaan mul’ate kun lafaa ka’ee akkanumaan miti. Tarsiimoowwan faayinaansii fi guddina dinagdee adda addaa mootummaan hojiirra oolche irraa kan maddanii dha.
Rakkoo sharafa alaa sirna gabaa irratti hundaa’uun furuuf yaalii taasifame tarsiimoowwan kanneen keessaati. Sirni gatii sharafa alaa gabaa irratti hundaa’uun murteessuu Adoolessa 2024 irraa eegalee hojiirra ooleera.
Uggurri herrega alaa irra tures akka salphatu ta’eera. IMF akka ibsutti, jijjiiramni kun wal-qixxummaa gatii sharafa alaa fooyyeessuu, sharafa alaa dabaluufi sochii herrega alaa cimsuu keessatti bu’aa fideera.
Akka ragaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaattis tarsiimoon waggaa jalqabaa hojiirra oole keessatti sharafni alaa waliigalaa biyyattii 33% dabaluun Doolaara biiliyoona 32 irra ga’uufi kuufamni sharafa alaa dachaa sadii ol dabaleera.
Imaammata maallaqaa fi baajataa cimsuunis malleen bu’aa qormaatilee keessatti galmaa’eef gargaaran keessaa ti.
Mootummaan karaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaan hanqina baajataa maallaqa haaraa maxxansiisuun guutu irraa fagaachuun, dhala gabaa irratti hundaa’e diriirsuu fi imaammata maallaqaa cimsuu irratti hojjechaa jiru. IMF akka ibsutti, maallaqa Baankii Biyyaalessaa irraa gara kaazinaa mootummaatti dhaabbachuun, dhalli dhugaa gara sirriitti deebi’uu fi kuufamni sharafa alaa dabaluun mallattoolee fooyya’iinsa kanaa ti.
Kanaanis qaala’iinsi jireenyaa hanga Waxabajjii 2025tti waggaa tokko keessatti 20% irraa gara 13.9%tti gadi bu’uu IMF dhugaa ba’eera.
Tarsiimoon biraan bu’aa kanaaf gumaache ammoo liqaa fi rakkoo maallaqaa alaa irra deebiin qindeessuu dha. Qormaatni guddaan biyyattii keessaa tokko liqaa alaa ture. Mootummaa fi qondaaltonni maallaqaa liqaa alaa irra deebiin qindeessuu irratti hojiin kutannoon hojjetan biyyattiin ba’aa liqaa irraa akka aara galfattuuf gargaareeera.
IMF akka ibsutti,waliigaltee bu’uuraa Mootummoota liqeessitoota Alaa waliin Bitootessa 2025 ga’ameen kaffaltii liqaa hir’isuu fi yeroo kaffaltii dheeressuun danda’ameera.
Dameen dhuunfaa gara wiirtuu guddinaatti cee’uunis ba’aa guddina dinagdee mootummaa qofa irra ture hirmaachuun jijjiiramni qabatamaan akka galmaa’uuf gumaacheera.
Mootummaa qofti guddina dinagdee hogganuu caalaa dameen dhuunfaa akka itti hirmaatu gochuun qabatamaatti bu’aa galmeessiseera. Dameewwan Telekoomunikeeshinii fi loojistiksii keessatti dorgommiin baname, dameen baankii invastimantii alaa akka keessummeessuuf banamuun jijjirama gama kanaan godhameef agarsiistuu dha.
Al-ergii fi sochiiwwan dinagdee sharafa alaa maddisiisan cimuunis warreen jijjiirama dhufeef bu’uura ta’an keessaa ti. Al-ergiin warqee fi oomishaalee biroo, kuufama sharafa alaa cimsuuf gahee guddaa ba’ateera. IMF akka ibsutti, kuufamni sharafa alaa gama kanaan galmaa’e kan eegameen ol yoo ta’u, keessumaa alergii warqee irraa kan argame isa olaanaa dha.
Akka ragaa Baankii Biyyaalessaattis waggaa jalqabaa jijjiirama keessatti al-ergii meeshaalee doolaara biiliyoona 8.3, al-ergii tajaajilaa biiliyoona 8.5, Inveestimeentii Alaa biiliyoona 3.9 fi kan maallaqa biyyoota alaa irraa argame biiliyoona 7.1 dha.
Guddina galmaa’aa jiru kana caalaatti cimsuun olka’iinsa biyyattii bu’uura hinsochoone irra dhaabuuf Mootummaan Ida’amuu ammas cimsee hojjechuu itti fufeera.
Rakkoolee dinagdee gooroo keessaa tokko kan ta’e hoji dhabdummaa dargaggootaa cimsuuf tarkaanfilee murteessooo fudhachaa jira.
Guddinni galmaa’e hojii, galii maatii fi jireenya uummataa keessatti akka mul’atuuf sadarkaa maatii irraa eegalee carraan hojii akka uumamuuf hojimaata diriisee hojjechuu itti fufeera.
Baankii Addunyaa akka ibsutti, Itiyoophiyaatti waggaatti namoonni gara miiliyoona 2 ta’an carraa hojii haaraa argatu. Qonni indaastiriin, misoomni anniisaa fi tajaajilli dijitaalaa haaraan hojiirra oolaa jiru carraawwan hojii haaraa uumuu keessatti ga’ee guddaa ba’ataniiru.
Ol ka’iinsa dinagdee kana itti fufsiisuuf tasgabbii dinagdee gooroo itti fufiinsaan mirkaneessuun, sharafa alaa fi al-ergii itti fufiinsaan guddisuu, liqaa alaa haala itti fufiinsa qabuun xumuruu fi liqaa haaraa of-eeggannoodhaan bulchuu, qormaatilee invastimantii fi damee dhuunfaa dhabamsiisuu, dinagdee qonnaa irraa ceesisuuf hojii eegalame cimsanii itti fufuu, tajaajilawwan bu’uuraa waliin guddina dinagdee walsimsiisuu fi nageenya, olaantummaa seeraa fi dhaabbilee mootummaa cimsuun hojii mootummaan ammas irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiruu dha.
Qormaata qaala’iinsa jireenyaa irraa uummata baraaruuf deeggarsa hawaasummaa irratti xiyyeeffachuun hojjechuun barbaachisaa dha.
Jijjiirama dinagdee waggaa muraasa keessatti qormaatileen olitti galmaa’aa jiru kana waaraan itti fufsiisuun ammas dhimma mootummaa qofa irratti gatamu osoo hin taane hunduu jaraa danda’uun hojjetee qaama seenaa kanaa ta’uun dhaloota boruuf gala kaa’uu dha; dhaala dhalootaa ti.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia