Raashaa fi Yukireen kopha kophaatti Dhukaasa Dhaabuu Labsan
Finfinnee, Eebila 27, 2018 (FMC) – Raashaa fi Yukireen guyyaa Gamtaan Sooviyeet durii Naazii Jarman irratti injifannoo argatte kabajuuf jecha, dhukaasa dhaabuu gar-tokkee labsaniiru.
Raashaan akka lakkoofsa Awurooppaatti Caamsaa 8 fi 9 dhukaasa akka dhaabdu kan ibsite yoo ta’u; Yukireen yoo waliigaltee kana diigde wiirtuu Kiyeev irratti haleellaa masiilaa bal’aa akka raawwattu akeekkachiisteetti.
Yukireen gama isheetiin, Caamsaa 6 halkan walakkaa irraa jalqabee dhukaasa akka dhaabdu beeksifteetti.
Kun kan ta’u garuu Raashaanis haleellaa dhukaasaa dhaabuu ishee yoo mirkaneessite qofa ta’uu isaa BBC’n gabaaseera.
Biyyoonni lamaan dhukaasa dhaabuu gar-tokkee labsuu isaanii ibsanis, akkaataa raawwii, daangaa yeroo fi qabxiiwwan biroo irratti waliigaltee waloo irra hin geenye.
Sababni biyyoonni lamaan dhukaasa dhaabuu labsaaniif; injifannoo Gamtaan Sooviyeet durii Waraana Addunyaa 2ffaa irratti Naazii Jarman irratti argatte, waggaa waggaadhaan Caamsaa 9 Raashaa fi biyyoota Gamtaa Sooviyeet duraanii turan tokko tokko keessatti haala ho’aan waan kabajamuufi.
#Oromia #Ethiopia