Fana: At a Speed of Life!

Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32…

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC)- Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaafi Meeksiikoon taphatamaa turan xumurameera.

Ramaddii isaaniirraa biyyoonni sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuran kallattiin akkasumas biyyoonni dabalataa 8 ammoo sadarkaa 3ffaa filatamoo ta’uun taphoota mo’anii darbuu 32’tti makamaniiru.

Bu’uuruma Kanaan taphni mo’anii darbuu tapha’a har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kaanaadaafi Afrikaan Kibbaa taphataniin eegala.

Ramaddii 3ffaarraa olaantummaan kan xumurte Biraazil Jaappaan waliin akkasumas ramaddii 5ffaarraa mo’attee kan darbite Jarman Paaraaguwaay waliin ramadamaniiru.

Kana malees Neezerlaand fi Moorookoo, Kootdiivaar fi Noorweey, Faransaay fi Siwiidiin, Meeksiikoofi Ikkuwaadoor, Ingiliz fi RD Koongoo akkasumas Beeljiyeem fi Seenegaal kan waliin taphatan ta’u.

Ameerikaa fi Boosniyaan, Ispeen fi Oostiriyaan, Poorchugaal fi Kirooshiyaan, Siwiizarlaand fi Aljeeriyaan, Awustaraaliyaafi Ijipt, Arjentiinaafi Keeppi Verdeen akkasumas Kolombiyaafi Gaanaan waliin ramadamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.