Waggoottan darban riifoormii damee hedduu gaggeeffameen bu’aaleen galmaa’an- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Adoolessa 29, 2018 (FMC)- Waggoottan darban riifoormii damee hedduu gaggeeffameen bu’aalee gaariin galmaa’aniiru jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Waajjirri Muummee Paartii Badhaadhinaa gamaaggama raawwii karooraa bara baajataa 2018 fi karoora bara 2019 irratti waltajjii karooraan walbaruu gaggeesseera.
Obbo Adam Faaraah waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, riifoormiwwan damee siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi dippiloomaasiin gaggeeffamaan bu’aa gaarii argamsisaniiru jedhan.
Fuulduratti haala mijataa mariin biyyaalessaa uumuutti fayyadamuun riifoormiirra gara ce’umsa sirna siyaasaa guutuu hojiirra oolchuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Fiinxaleessummaarratti qabsaa’uun seenneessii waloo akka guddatu taasisuuf akkasumas dhaabbilee ciccimoo ijaaruuf hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu akka qaban eeraniiru.
Mootummaan Ida’amuu Paartii Badhaadhinaan hogganamu hojiilee paartii mootummaa cimaa fi ijaarsa biyyaa uumuuf dandeessisan hedduu hojjechuu obbo Adam kaasaniiru.
Hojiileen misoomaa hoggantoota, miseensoota Paartichaa fi hawaasa dadamaqsuun hojjetaman ummata fayyadamoo taasisuu ibsuu isaanii ragaan Paarticharraa argame ni mul’isa.