Yakkoota waliindha’iinsa faayinaansii dijiitaalaa fi telekoomii ittisuuf…
Finfinnee, Waxabajjii 3, 2018 (FMC) – Yakkoota waliin-dha’iinsa faayinaansii dijiitaalaa fi telekoomii ittisuuf hojjetamaa jira jedhe Itiyoo Telekoom.
“Qindoomina Itiyoo Telekoom fi Dhaabbilee Haqaa Nageenya Itiyoophiyaa Dijiitaalaaf” mata duree jedhuun waltajjiin maree geggeeffamaa jira.
Waltajjichi yakkoota waliin dha’uu faayinaansii dijiitaalaa fi Telekoomii akkasumas miidhaawwan bu’uuraalee misoomaa irra ga’an fi furmaata isaanii irratti kan xiyyeeffatee dha.
Ofiisarri Olaanaan Seeraa Itiyoo Telekoom Lammaa Tasammaa yeroo kana akka dubbatanitti, milkaa’ina damee telekoomiin argame itti fufsiisuuf dhaabbatichi tarsiimoowwan adda addaa wixinuun hojiirra oolmaa isaaf tattaafachaa jira.
Tajaajilawwan Telekoomii fi Dijiitaalaa baroota darban hojiirra oolan misooma biyyaalessaa hammataa ta’e ariifachiisuuf ga’ee murteessaa taphachuu ibsanii, fuulduraafis jabaatee akka itti fufu eeraniiru.
Carraa fi ga’umsa Dijiitaal Itiyoophiyaa milkeessuuf karoorri tarsiima’aan waggaa sadi’ii karoorfamee hojiirra oolaa akka jirus eeraniiru.
Tarsiimoo haaraan ‘Admaas Dijiitaal’, Itiyoo Telekoom addunyaa irratti dorgomaa fi dijiitaalaan cimaa akka ta’u kan kaayyeffate ta’uus ibsaniiru.
Ajandaawwan misoomaa biyyaalessaa ariifachiisuun carraawwan dinagdee dijiitaalaa haarawaa akka addunyaa fi akka naannawichaatti banuuf murteessaadhas jedhaniiru.
Baroota darban keessa yakkoonni faayinaansii dijiitaalaa fi telekoomii akkasumas miidhaawwan bu’uuraalee misoomaa telekoomiirratti mudachuu eeranii, yakkoota kanneen ittisuuf keessumaa qaamolee haqaa waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia