Hojii tajaajila lammummaa rakkoo hawaas dinagdee uummatichaa furaa jiru…
Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Nannoo Oromiyaatti hojii tajaajila lammummaariin rakkooleen hawaas dinagdee uummatichaa furamaa jira.
Godinaalee tajaajilichi bal’inaan hojiirra oolaa jiran keessaa Jimma tokko yoo ta’u, aanaalee godinichaa Maannaa fi Gommaatti sagantaan tajaajila lammummaa gannaa guyyaa har’aa kennameera.
Bulchaan godinichaa obbo Tijjaanii Naasiir wayita kana akka ibsanitti, bara kana tajaajilli tola ooltummaa birrii miliyoona 500tti tilmaamamu dameewwan 76’n kennamuuf karoorfameera.
Hojiiwwan tajaajila kanaan hojjetaman mana harka qalleeyyii suphuu fi ijaaruu, loon gaanfaa, bushaayee, gaagura dammaa fi kanneen biroo kennuu fa’a kan of keessaa qabani dha.
Duudhaa ganamaa ummatichaa kan ta’e hojiin wal-gargaarsaa kun waqtii eeggatee kan raawwatamu qofa osoo hin taane, yeroo mara aadaa isaa eeggatee cimee itti fufuu qaba jedhan.
Itti gaafatamtuu itti aantuun Gurmii dargaggootaa paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa aaddee Rahimaa Yusuuf gama isaaniin, hirmaannaan dargaggooti tajaajila kanaan rakkoolee hawaas-dinagdee uummataa furuuf mul’isaa jiran cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Hojiin kun akka naannichaatti dargaggoota sadarkaa olaanaan hirmaachisuun cimee akka itti fufee jirus eeraniiru.
Muktaar Xaahaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia