Godina Jimmaatti tajaajilli lammummaa dameewwan 76’n kennamaa jira – Waajjiricha
Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Godina Jimmaatti bara kana tajaajilli tola ooltummaa baasii birrii miliyoona 500tti tilmaamamu dameewwan 76’n kennamaa jira jedhe Waajjirri Bulchiinsaa Godinichaa.
Kun kan ibsame aanaalee Maannaa fi Gommaatti sagantaan tajaajila lammummaa gannaa wayita kennametti.
Sagantaa kanaan namoota kuma shanii oliif tajaajilli lammummaa birrii miliyoona 5tti tilmaamamu kennameera.
Hojiiwwan tajaajila kanaan hojjetamanis mana harka qalleeyyii suphuu fi ijaaruu, loon gaanfaa, bushaayee, gaagura dammaa fi kanneen biroo kennuu fa’a kan of keessaa qabani dha.
Hamma yoonaatti manneen harka qalleeyyii kuma 3 ol ijaaruunis sirna kanarratti eerameera.
Bulchaan Godinichaa Obbo Tijjaanii Naasir akka jedhanitti, duudhaa ganamaa ummatichaa kan ta’e hojiin wal-gargaarsaa waqtii eeggatee kan raawwatamu qofa osoo hin taane, yeroo mara aadaa isaa eeggatee cimee itti fufuu qaba.
Hirmaannaa dargaggootaa tajaajilicha keessatti rakkoolee hawaas-dinagdee uummataa furuuf gargaaru cimsanii itti fufsiisuunis barbaachisaa akka ta’e wayituma kana ibsameera.
Godinichatti bara tajaajila lammummaa gannaa qofaan hojiiwwan 76 qarshii miliyoona 500 olitti hojjechuuf karoorfatamuunis eerameera.
Muktaar Xaahaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia