Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannichaa baajata bara 2019 Birrii biiliyoona 18 ol raggaasise

Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC)- Manni Maree Naannoo Gambeellaa baajata bara 2019 Birrii biiliyoona 18 miiliyoona 500 fi miiliyoona 77 fi kuma 500 ol raggaasiseera.

Hogganaan Biiroo Faayinaansii naannichaa ‎Dooktar Umaan Amuunuu, naannichi baasii isaa galii isaatiin uwwisuuf tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu eeruun, bara baajataa 2019 keessaa Birriin biiliyoonnii 11 fi miiliyoonni 400 fi miiliyoonni 68 fi kumni 900 fi kumni 26 ol galii naannichaan kan uwwiiffamu ta’uu ibsaniiru.

Birriin biiliyoonni 7 fi miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 8 fi kumni 500 ol deeggarsa mootummaa federaalaarraa argamu ta’uu eeraniiru.

Manni maree naannichaa yaa’ii idilee gaggeesseen baajata naannichaa erga qoratee booda sagalee guutuun raggaasisseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.