Komishiniin Marii Biyyaalessaa yeroo hojii isaa xumure- Piroofeesar Masfin Ar’aayaa
Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019(FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa yeroo hojii isaa xumureera jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.
Komishinichi waggoota 4 fi baatiiwwan 7 keessatti itti gaafatamummaa itti kenname milkaa’inaan bahachuu ibsuun, adeemsi marichaas waldhabdeewwan waggoottaniif turan mariin furuun akka danda’amu bu’uura kan kaa’edha jedhaniiru.
Yaadonni furmaataa adeemsa marichaan dhiyaatan hojiirra kan oolan karaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan ta’uu hubachiisanii, tattaaffii Itiyoophiyaanonni hundi rakkoo biyya isaanii mariin furuuf taasisan adeemsa marichaaf qooda olaanaa bahachuu eeraniiru.
Komishinichi itti gaafatamummaa hanga Onkoloolessa 14, 2019’tti kennameef xumuruu kaasanii, yaadonnis ta’e ibsi kana booda dhaabbaticharraa kennamu akka hin jirre hubachiisaniiru.
Dhaabbilee adeemsa marichaa keessatti gahee isaanii bahatan galateeffatanii, hojiin komishinichaa itti aanu ragaalee galmeessuufi hojiilee diijitaalaa hojjechuu akka ta’e ibsaniiru.
Amalawarq Makuwaanintitu gabaase.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa