Waloomaa fi danooma aadaa cimsuun ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaanaa qaba- Obbo Dastaa Leeddaamoo
Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019(FMC)- Waloomaa fi danooma aadaa cimsuun ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaanaa qaba jedhan Af-yaa’ii Itti aanaan Mana Maree Federeeshinii obbo Dastaa Leeddaamoon.
Hoggantoonni olaanoon Mana Maree Federeeshiniifi mana maree naannolee hojiilee qophiin duraa guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattootaa Itiyoophiyaa Sadaasa 29, 2019 magaalaa Jimmaatti kabajamuuf hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Obbo Dastaa Leeddaamoon wayita kana, magaalaan Jimmaa keessummoota simachuufi keessummeessuuf qophii gahaan taasifamuu daawwachuu isaanii ibsaniiru.
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi uummattootaa tokkummaa, waloomaafi waliigaltee uummataa cimsuurra darbee danooma aadaa Itiyoophiyaa caalmaatti mul’isuun ijaarsa biyyaaf murteessaa ta’uu eeraniiru.
Milkaa’ina kabaja guyyichaaf Manni Maree Federeeshinii Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun hojiilee qophiin duraa hedduu hojjechuu kaasaniiru.
Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa obbo Abdusalaam Waariyoo gamasaaniin, guyyichaaf hojiileen qophiin duraa hojjetamuu kaasanii, iddoowwan guyyichi itti kabajamu haala gaariirra akka jiran ibsaniiru.
Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixaa Oromiyaa Dooktar Rashaad Kamaal ammoo guyyichi magaalaa Jimmaatti kabajamuun isaa carraalee hedduu akka uumu eeraniiru.
Guddina dameewwan indaastiriifi tuurizimii qooda qabaachuu ibsuun, jiraattonni godinaafi magaalattii keessummoota simachuuf qophii gahaa taasisuu himaniiru.
Na’imaa Sheek Kaliifaatu gabaase.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa