Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Olompikii Dargaggootaa Addunyaarratti hirmaachuun injifannoo galmeesse Finfinnee gale
Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Olompikii Dargaggootaa Addunyaa 4ffaa Seeneegaal Daakaartitti qophaa’erratti hirmaachuun injifannoo olaanaa galmeesse Finfinnee galeera.
Jilichi wayita buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahu simannaan kabajaa taasifameefira.
Jilichi Meedaaliyaa Warqee 5 fi Meetii 3 galmeessuun mirgaan galeera.
Kanaanis damee Atileetiksiin Addunyaarraa sadarkaa1ffaa fi waliigalaan ammoo sadarkaa 8ffaa qabachuun xumureera.
Waliigala Olompikichaan biyyoonni 88 gabatee meedaaliyaa keessa galaniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa