Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan sadan darban keessa anniisaan sa’aatii Giigaa Waattiin kumni 7 fi 567 oomishame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – ‎ Baatiwwan sadan darban keessa anniisaan sa’aatii Giigaa Waattiin kumni 7 fi 567 oomishame jedhe Humni Elektirikii Itiyoophiyaa.

Anniisaa oomishame keessaa Hidhaan Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa buufanni madda anniisaa 3 Sa’aatii Giigaa Waattii kuma 3 fi 789 oomishuun % 50 qooda qaba.

Gibee 3ffaan ammoo sa’aatii Giigaa Waattii kuma 1 fi 21 oomishuun % 13.5 qooda qaba.

Anniisaa oomishame sa’aatii Giigaa Waattii kumni 7 fi 388.17 maddoota bishaanirraa, Giigaa Waattii 179.49 ammoo Bubbeerraa kan argame ta’uu ibse.

Anniisaa oomishame keessaa % 91.04 tajaajila biyya keessaaf ooluu hime humnichi.

‎Baatiwwan sadan darban Gurgurtaa anniisaa fi Kiraayii Faayibara Optiksiirraa Birrii biiliyoona 27.28 argachuuf karoorfamee Birriin biiliyoonni 31 argamuu ragaan fuula miidiyaa hawaasumma dhaabbatichaarra argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.