ABUT duraanii dirqiin loltoota waraanaaf filuun waliigaltee Piriitooriyaa kan cabseedha – Gamtaa Awurooppaa
Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) –ABUT duraanii dirqiin loltoota waraanaaf filuun waliigaltee Piriitooriyaa kan cabseedha Itiyoophiyaatti Jila Gamtaa Awurooppaa.
Jilli gamtichaa ibsa baaseen, yeroo dhiyoo as Bulchiinsa yeroo naannichaa humnaan aangorraa kaasuun loltoota dirqamaan waraanaaf filaa jira jedhe.
Sosochiin kun waliigaltee Piriitooriyaa kan cabse ta’uu beeksise.
Ameerikaanis ABUT duraanii badiiwwan kana fakkaataan raawwachaa jiraachuu ibsuun, hoggantoota garee finxaaleyyii fi maatiwwan isaanirra dhorkaa Viizaa kaa’uun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia