Ashaaraan magariisaa dandeettii marii qabeenya qilleensaa Afrikaa guddisa- Dippiloomaatota
Finfinnee, Hagayya 2, 2018(FMC)- Sagantaan Ashaaraan magariisaa Itiyoophiyaa dandeettii marii qabeenya qilleensaa Afrikaa guddisa jedhan dippiloomaatonni Afrikaa.
Gamtaa Afrikaatti ergamaan Addaa Waldaa Diinagdee Biyyoota Afrikaa Giddugaleessaa Ambaasaaddar Jaakuwees Deemaafoot akka jedhanitti, muuxannoo Itiyoophiyaan dameewwan eegumsa naannoofi misooma magaalaan qabdu biyyoota biroof fakkeenya ta’a.
Paarkiiwwan akka Michummaa uumama misooma magaalaa ammayyaa wajjiin walsimsan Itiyoophiyaan magaalota keessatti qabeenya uumamaa gahumsaan eeguu akka dandeessu kan mirkaneessudha jedhan.
Sagantichi xiyyeeffannaa olaanaa Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya qilleensaaf kennite kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.
Ministeera Dhimma Alaa Gaambiyaatti Ergamaa Addaan Hariiroo Alaa Ambaasaaddar Yaangi Laaboow gamasaaniin, sagantichi dandeettii marii Afrikaa guddisuun gadi lakkifama kaarboonii irraa kan argamu beenyaa haqa qabeessa akka argatan taasisuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Biyyi isaanii muuxannoo Itiyoophiyaa kana fudhachuun hojiirra akka oolchituuf kan hojjetan ta’uus ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia