Ashaaraan Magariisaa misooma waaraa kan cimsuu tarkaanfii biyyaalessaa ta’uu qabatamaan agarsiisaa jira –Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC)- Ashaaraan Magariisaa misooma waaraa kan cimsuu tarkaanfii biyyaalessaa tarsimaawaa ta’uu qabatamaan agarsiisaa jira jedhan Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin, sochiin biyyaalessaa olaanaan kun dandeettii dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf qabnu cimsuu bira darbee, sirnakkoo uumamaa sirreessuu fi misoomsuun Itiyoophiyaa biyya magariisaa taasisaa jira jedhan.
Hojiiwwan waggoota darban keessatti hojjetamanis, Itiyoophiyaan dandeettii ishee fi tattaaffii waloo lammiileen qabeenya uumamaa eeguu fi misoomsuu akka dandeessu kan mirkaneessedha.
Akkasumas, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuun biyyoota biroof fakkeenya ta’uu danda’aniifi milkaa’inoota waloo ta’uu ibsaniiru.
Qabeenya uumamaa eegu jechuun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, oomishtummaa qonnaan of danda’uu wabii nyaataa mirkaneessuu fi guddina dinagdeef bu’uura ta’uu kaasaniiru.
Kanaafis, Ashaaraan Magariisaa birmadummaa nyaataa fi diinagdee cimsuuf xiyyeeffannoo misooma biyyaalessaa waaraa isa ijoo taa’eera jedhan.
Dhaloonni ammaa qabeenya uumamaa eeguufi misoomsuun fedhii yeroo ammaa guutuu qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaa badhaateefi hin mo’amne dhaloota dhufuuf dabarsuuf itti gaafatamummaa qabaachuu himaniiru.
Itiyoophiyaa boruuf bu’uura cimaa fi amanamaa kaa’uuf, hojiiwwan misooma magariisaa qindaa’aan jalqabaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.