Baatii Miidhaginaa fi Tuurizimii, Fulbaana!
Baatiin Fulbaanaa, baatii ayyaanotaa fi taateewwan aadaa fi qabeenya aadaa biyyattii addunyaaf beeksisan itti gaggeeffaman waan ta’eef,baatii Turizimii Itiyoophiyaa jedhamee waamama.
Yeroo abdii haaraa fi carraa haaraa ta’uu isaan waqtii dhimmoonni hawaasummaa fi aadaa dirreetti tokkummaan itti kabajamaniidha.
Baatii Ayyaanni bara haaraa, Aadaa fi amantaa hedduminaan itti kabajamaniidha.
Ayyaanni Damaraa Masqalaa fi Irreechi baati kana keessa kabajamu.
Ayyaanni Damaraa Masqalaa Ayyaanoota mana amantaa kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaan addabaabayii irratti kabajaman keessaa isa tokko yoo ta’uu, Fulbaana 16 fi 17 kabajama.
Sirni Gubaa Damaraa baatii jalqabaa bara Haaraa Fulbaana 16 kan raawwatamuudha.
Sirni Gubaa Damaraa Ayyaana Ifaa(Masqalaa) Guutuu Itiyoophiyaa bifa aadaa fi amantaan raawwatama.
Ayyaana guddaa sa’aa fi namni itti quufu! Gaafa Masqalaa hiyyummaa fi gadadoon manaa baati! Kanaaf mootii Ayyaanaa jedhama.
Irreechi Aadaa Dhugeeffannaafi Galataa warri kuush uumaa waaqaafi lafaa ittiin ulfeessaniidha.
Horteewwan kuush Falaasama uumaa hoodachuu, Madaala Uumamaa safeeffachuun duudhaa isaanii raawwatu.
Humna uumaa, uumamaan raawwachuuf Malkaa, Tulluufi Harootti bahanii Irreeffachuun Waaqa galateeffatu.
Falasama abdii, gammachuu, nagaa, jaalalaa, badhaadhina akkasumas jiruuf jireenya dhala namaa hunda haammateedha.
Ummanni Oromoo Waaqa gannaa roobee sanyii biqilchee, marga magarsee firiin badhaasee, waaqa namaafi uumama hundaaf nagaa kennee birraa barii malkaatti argamee galata dhiyeessaaf.
Waaqa kana taasiseef immoo Oromoon coqorsaafi keelloo qabatee malkaa bu’ee galateeffata.
Irreechi hariiroo Uumaafi uumamaa gidduu jiru, iccitiin Umaan uumamaaf gumaache kan ittiin lallabamuu, leellifamuufi dhugeeffamudha.
Ayyaannoonni kunneen hawwata Turiziimii Itiyoophiyaa keessaa isaan hangafa.
Baatiin Fulbaanaas baatii miidhagduu, Abdii fi carraa gaarii jedhamti.
Ayyaanotni kunneen gumaacha diinagdee damee turizimiin biyyaaf taasisu guddisuu dabalataan walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu.
Aadaa, seenaa fi duudhaalee amantaa garagaraan kan ijaaramte Itiyoophiyaan, Ummanni ishee Baatiin Fulbaanaa abdii ifaa ta’uu isaan bakka guddaa kennuuf.
Yeroon kun jijjiirama haala qilleensaa qofa osoo hin taane, ayyaanota aadaa fi amantii tokkummaa hawaasaa, araara, waliin jireenya fi seenaa tokkummaa biyyaalessaa ifatti kan mul’isan waltajjii waloomaati.
Mootummaan Ida’amuus imala misoomaa fi guddinaa guddaa qabate milkeessuu dursa nageenya, wal-amantaa fi obbolummaa uummattootaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira.
Kanaafis hammattoo imaammataa fooyyeessuun carraa hojii bal’aa uumuu fi maqaa gaarii biyyaa ijaaruuf xiyyeeffannoo kennee hojiitti galeera.
Kanneen caalmaatti gabbisuuf bakkeewwan ga’umsa Turistii, Loojiiwwan ammaayyaa, Paarkiiwwanii fi bakkeewwan keessummeessaa babal’isuuf misooma bu’uuraa Tuurizimiirratti hojiilee bal’aa hojjetaa jira.
Turizimii babal’isuun cinatti qabeenyaalee aadaa fi hafuuraa biyyattii eeguu fi kunuunsuurratti xiyyeeffannoon hojjetaa jira.
Siifan Magarsaa fi Mihirat Damisseetiin
#Oromia #Ethiopia