Fana: At a Speed of Life!

Bifa biyyaa jijjiiraa kan jiru sagantaa ashaaraa magariisaa…

Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti sagantaan dhaabbii biqiltuuwwan ashaara magariisaa har’a eegaleera.

Godina Arsii Lixaatti dhaabbii biqiltuu ashaaraa magaariisaa Aanaa Wondootti eegaleera.

Godinichaatti bara kana biqiltuu gosa garagaraa miiliyoona 200 fi miiliyoona 75 ol dhaabuuf hojjetamaa jira.

Biqiltuuwwan Lafa heektaara kuma 68 irratti dhaabuuf karoorfame keessaa % 25 nyaata loonii,% 10 muduraa fi Kudaraa, % 25 ammoo tajaajila adda addaaf kan oolaniidha.

Itti Gaafatamaan Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Mangiistuu Baqqaalaa wayita saganticha eegalchiisan ergaa dabarsaniin, naannichaatti biqiltuuwwaan waggootan darban dhaabbatan jijjiirama qilleensaa too’aachuun cinatti oomishtummaa guddisaa jiraachuu dubbatan.

Oromiyaatti waggoottan darban lafti heektaarri miiliyoonni 8 biqiltuuwwan gosa garaagaraan uwwifamuu himan.

Biqiltuuwwan biiliyoona 48 hanga ammaatti dhaabatan keessaa biiliyoonni 28 naannoon Oromiyaa dhaabuu kaasan.

Bulchaan Godinichaa obbo Ahimaad Hajjii biqiltuuwwan waggottan darban dhaabbaman hawaasaaf carraa hojii uumaa jiraachuu himan.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.