Buqqaatonni dhiyeenyatti gara qe’ee isaaniitti ni deebifamu- Dooktar Abrahaam Baalaay
Finfinnee, Fulbaana 24, 2019(FMC) – Lammiileen sababa waraana kaabaan buqqa’anii turan dhiyeenyatti gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif hojjetamaa jira jedhan Dooktar Abirahaam Balaay.
Dooktar Abirahaam FMC waliin turtii taasisaniin, tapha siyaasaa gareen seeraan alaa ABUT fedhii isaa milkeessuuf taphachaa tureen lammiileen buqqa’an gara qe’eetti akka hindeebineef gufuu ta’ee ture jedhan.
Adeemsi bilchaataan Mootummaan Itiyoophiyaa hordofe uummanni Tigraay garicha buqqisee akka tufu carraa uumuus dubbataniiru.
Mootummaan federaalaa buqqa’anii bakka kamiyyuu jiraatan gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif hojjechaa turuu eeranii, yeroo dhiyootti gara qe’ee isaaniitti akka deebifaman ibsaniiru.
Waliigaltee Piriitooriyaa dura garichi sobaan hawaasa addunyaa fi uummata Tigraayiin gowwoomsee of cina hiriirsisuu yaadachiisanii, keessumaa waliigalteen asi eenyummaan sirriin garee seeraan alaa kanaa saaxilamuu dubbataniiru.
Gareen seeraan alaa kun waan hawaasaaf bu’aa qabu hojjechuurra, saamichaa fi aangoo irratti xiyyeeffachuun ummataa fi hawaasa addunyaa biratti fudhatama akka hin arganne taasisuus hubachiisaniiru.
Tumsi garee kana waliin godhamu kamuu badii malee bu’aa akka hinqabne hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa
Abeel Niwaayiin