Daandiin Qilleensichaa badhaasa tajaajila fe’umsaa filatamaa Afrikaa injifate
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa tajaajila fe’umsaa filatamaa Afrikaa( AFLAS) 2026 injifateera.
Daandiin qilleensichaa badhaasicha kan argate sagalee qaamoleen qooda fudhattootaafi maamiltoonni kennaniin ta’uu ragaan Daandii Qilleensichaarraa argame ni mul’isa.
Milkaa’inni kun invastimantii walitti fufiinsa qabu Daandiin Qilleensichaa bu’uuraalee misoomaa, tumsa tarsiimawaafi kalaqawwan furmaataa irratti taasisu qabatamaan kan mul’isu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia