Dooktar Abiy Ahimad appilikeeshinii tajaajila diijitaalaa qindaa’aa eebbisan
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad appilikeeshinii tajaajila diijitaalaa qindaa’aa eebbisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, yaa’ii mata duree “ Diijitaala Gahumsa Olaanaaf” jedhuun qophaa’e irratti appilikeeshinii tajaajila diijitaalaa qindaa’aa tajaajiloota dhaabbilee garaagaraatti kennaman bakka tokkotti fidu fi Afrikaa irraa kan jalqabaa ta’e guyyaa har’aa eebbisuu ibsaniiru.
Milkaa’inni guddaan kun invastimantiin teeknooloojiin hogganamuufi kaayyoo irratti xiyyeeffatu maal argamsiisuu akka danda’u mirkaneessa jedhan.
Bu’uuraalee misoomaa diinagdee ijoo kan ta’e Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob yeroo lammiilee kan qusatu, rakkoolee malaanmaltummaa furuufi amanamummaafi cimina dhaabbilee kan guddisu ta’uu eeraniiru.
Hundarra mul’anni Itiyoophiyaa hawwii qofa osoo hin taane dhugaa harkaafi dandeettii mataa keenyaan ijaarru ta’uu ragaa agarsiisudha jedhaniiru.
Milkaa’ina keenya kana cimsuuf muuxannoowwan keenya Afrikaanotaaf akka qoodnuuf, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessisuuf kutannoon akka hojjennu waamicha koon dhiyeessa jedhan.
#Oromia #Ethiopia