Dooktar Abiy Ahimad sagantaa qabxiiwwan fi yaadota furmaataa ajandaa Marii Biyyaalessaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, Mootummaa Federaalaafi Mootummaa naannoleef kennuu irratti hirmaatan
Finfinnee, Fulbaana 23, 2019(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad sagantaa qabxiiwwan fi yaadota furmaataa ajandaa Marii Biyyaalessaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, Mootummaa Federaalaafi Mootummaa naannoleef kennuu irratti hirmaataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaa qabxiiwwan fi yaadota furmaataa ajandaa Marii Biyyaalessaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, Mootummaa Federaalaafi Mootummaa naannoleef kennuu irratti hirmaadheera jedhan.
Walharkaa fuudhiinsi sanadaa kun adeemsa marii biyyaalessaa keessatti boqonnaa olaanaa kan banu yoo ta’u, qormaatilee biyyaalessaa Itiyoophiyaa marii hirmaachisaa, naga qabeessafi duudhaalee furmaataa mandhaleen furuuf kutannoo qabnu irra deebiin kan mirkaneessedha jedhaniiru.