Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon Gargaaraa Barreessaa Dhimma Afrikaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Gargaaraa Barreessaa Dhimma Afrikaa Ameerikaa Firaanki Gaarshiiyaa waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Keessattuu dhimmoota hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii caalmaatti guddisuu danda’anirrati mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan dhimmoota fedhii waloo nageenyaa fi tasgabbii naannawaarratti yaada waljijjiiruu isaanii ibsame.

Kana duraas, jilli Itiyoophiyaa fi Ameerikaa Waashingitan Diisiitti wal arguun, dhimma dinagdee, daldalaa fi invastimantii, akkasumas tumsa nageenyaa fi tasgabbii naannawaa irratti waliin hojjechuuf marii taasisuu isaanii waltajjichaan ka’eera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.