Fana: At a Speed of Life!

Eebbi dubartoota “Lanagewa” cabiinsa magaalattii barootaaf ture suphuuf hojjetamaa jiraachuuf agarsiistuu tokkoo dha – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 3, 2018 (FMC) – Finfinneen magaalaa haqni hawaasummaa keessatti mirkanaa’e, cabiinsawwan waggoota dheeraaf turan itti suphaman gochuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran milkaa’uu kan argisiisan keessaa dubartoonni rakkoolee hawaasummaa adda addaa keessa turanii ‘Lanageewaa’ irraa eebbifamanii jireenya haaraa gaggeessaa jiran tokko ta’uu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Kantibaan Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii akka ibsanitti, dubartoota rakkoolee hawaasummaa adda addaa keessa turan, Giddugala Haaromsa Dubartootaa fi Dandeettii Ogummaa Cimsuu ‘Lanageewaa’ keessatti marsaa 5ffaaf dandeettii fi ijaarsa naamusaan leenjisne 858 eebbifnee gara hojiiitti bobbaasneerra jedhan.

Hojiiwwan nama irratti xiyyeeffatan magaalaa keenya keessatti hojjetamaa jiran keessaa tokko, dubartoota kaleessa daandii irra, rakkoo fi balaa hawaasummaa adda addaa keessa turan, dandeettii ogummaa fi naamusaatiin ijaaruun, jireenya hamaa keessa turan keessaa baafnee gara jireenya fooyya’aatti akka ce’an gochuun hojiiwwan dursa kenninu keessaa isa tokko dha jechuun ibsan.

Har’a eebbifamtoota kanneen dabalatee, giddugalichatti waliigalaan leenjifamtoota kuma 3 fi 259 eebbisiisnee gara addunyaa hojiitti akka makaman gooneerra.

Kunis jireenya isaanii karaa fooyya’aa ta’een akka gaggeessan fi namoota biroof fakkeenya akka ta’an gargaareera jedhan.

Kantibaan Adaanech eebbifamtootaaf ergaa dabarsaniin, “Eebbifamtoota jaallatamoo, jireenya keessan isa hamaa kan kaleessaa keessa darbuun, yeroo giddugalichatti turtanitti dandeettii argattanii fi leenjii haaromsaa fudhattaniin har’a mo’achuu dandeessaniittu. Borus addunyaa hojii keessatti milkaa’ina argachuuf qormaata isin mudatu kamiyyuu mo’achuun jireenya keessan caalaatti ifa akka gootan ni amanna” jechuun hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.