Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee gara Giddugala Turizimii Konfiransii Addunyaatti ce’aa jirtu…

Finfinnee, Hagayya 1, 2018 (FMC) – Finfinneen hojiilee misooma koridarii, qarqara lagaafi deebisanii misoomsuun magaalaa miidhagduu, qulqulluu fi hawwattuu taateetti.

Daandiiwwan bu’uuraalee misoomaa guuttachuun ammayyaa’aniiru.

Daandiiwwan asfaaltii babal’aa fi qulqullina qaban, daandiiwwan imaltoota lafoo mijatoo fi qulqulluun, daandiiwwan biskileetii, ibsaawwan daandiirraa akkasumas iddoowwan magariisaa hedduun hojjetamaniiru.

Laggeen balfa irraa qulqullaa’anii iddoowwan boqonnaa fi bashannanaa ta’aniiru.

Uwwisni magariisaa magaalattii 2.8% ture gara 24%tti guddachuun miidhaginaafi hawwattummaa ishee dabaleera.

Yeroo ammaa Finfinneen magaalaa guyyaa qofa osoo hin taane halkanis itti bashannanan taateetti.

Godahambaaleeni, paarkonni, hambaaleen seenaa fi giddugaleewwan aadaa magaalattii keessatti argaman haala miidhagina qabuun haaromfamaniiru.

Kana malees, giddugaloonni konfiransii gurgruddoo walga’iiwwan idil-addunyaa keessummeessan ijaaramaniiru.

Finfinneen har’a turistoonni yeroo dheeraa akka keessatti turan kan dandeessisan filannoowwan hedduu qabdi.

Kanaanis lakkoofsi daawwattoota biyya keessaa fi alaa dabalaa jira.
Waggoota muraasa keessatti lakkoofsi turistoota biyya alaa kuma 100 fi kuma 23 fi 489 irraa gara miiliyoona 1 fi kuma 200’tti guddachuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Kana malees lakkoofsi daawwattoota biyya keessaa miiliyoona 4 fi kuma 100 irraa gara miiliyoona 10 fi kuma 500’tti guddateera.
Waggoota dhiyoo asitti konfiransiiwwan idil-addunyaa fi ardii hedduun haala addaan Finfinneetti gaggeeffamanii jiru; gaggeeffamaas jiru.

Keessummoonni konfiransiiwwan kanneen irratti hirmaachuuf dhufan magaalattii fi iddoowwan hawwata turizimii ishee ni daawwatu.

Finfinneen yeroo ammaa magaalaa daawwattoonni qaxxaamuranii darban osoo hin taane daawwattoonni kan itti imalan, akkasumas giddugala turizimii konfiransii idil-addunyaa filatamtuu ta’aa jirti.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.