Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee magaalaa ammayyaa fi dhalootaaf mijattuu taasisuuf karoorri qabame cimee itti fufa – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 10, 2018 (FMC) – Finfinnee magaalaa ammayyaa fi dhalootaaf mijattuu taasisuuf kan karoorsinr cimee itti fufa jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech Abeebee, pirojektoota buufata qulqulleessa dhangala’aa xurii ammayyaa Kooyyee fi pirojektii guyyaatti bishaan dhugaatii qulqulluu meetir kuubii kuma 60 oomishu har’a eebbisiisuun tajaajila jalqabsiisaniiru.

Kantiibaan Adaanech yeroo kanatti akka jedhanitti, pirojektotni kunneen fayyaa fi qulqullina jiraattotaa kan eegani, faalama laggeenii kan hir’isan, akkasumas eegumsa naannoo kan cimsanidha.

“Finfinnee akkuma maqaa isheetii haaraa, bareedduu, qulqulluu, fayya qabeettii, magariisa, ammayyaa fi dhalootaaf mijattuu taasisuuf kaayyoon qabanne cimee itti fufa,” jechuun ibsaniiru.

Dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf Tulluu Guddoo, Laga Daadhii Kutaa 2ffaa, naannoo mana jireenyaa waloo Barakat, Boolee Araabsaa fi iddoowwan biroo hedduutti boolla bishaanii hedduu misoomsuun, dandeettiin oomisha bishaanii magaalaa Finfinnee waggaa shan dura guyyaatti meetira kuubii kuma 500 fi kuma 25 ture gara meetira kuubii kuma 900 fi kuma 10tti guddisuun akka danda’ame Kantiibaan Adaanech himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, laggeen magaalaa Finfinnee keessatti argaman yeroo dheeraaf dhangala’aa xurii fi balfa jajjabaan faalamaa turuu yaadachiisanii, rakkoo kana furuuf bu’uuraalee misoomaa dhangala’aa xurii dhabamsiisuu fi dandeettii qulqulleessuu guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennamuu ibsaniiru.

Kanaanis, dandeettiin qulqulleessuu dhangala’aa xurii bara 2009 keessa guyyaatti meetir‐kuubii kuma 20 qofa ture, pirojeektota har’aa dabalatee gara meetir kuubii kuma 200 fi kuma 53 olitti guddisuun akka danda’ame Kantiibaan Adaanech ibsaniiru.

Pirojektichi akka milkaa’uuf qaamolee deeggarsa taasisan keessaa Baankii Addunyaa pirojektota garaagaraaf liqii kenne, Naannoon Oromiyaa iddoowwan madda bishaanii jiran waliin ta’uun misoomsuuf tumsa argisiise, akkasumas qonnaan bultoonni lafa jireenyaa fi hojii isaanii ta’e misooma kanaaf gadhiisan dabalatee qaamolee deeggarsa taasisan hunda Kantiibaa Adaanech Abeebee galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.