Finfinneen gaaffilee fi fedhiiwwan bu’uuraa jiraattota ishee qabatamaan deebisaa jirti – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gaaffiin fi fedhiin bu’uuraa jiraattota magaalaa Finfinnee qabatamaan deebi’aa jiraachuu ibsan.
Pirojeektiin Misooma Qarqara Lagaa Inxooxxoo-Qabbanaa fi Pirojeektiin Kuusaa Bishaanii Qabanaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad’n har’a eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’ee jira.
Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin, Finfinneen hojiiwwan misoomaa gurguddoo uummataaf dursa kennan fi magaalattiif malan ga’umsaa fi cichoomina guddaan raawwachaa jirti jedhaniiru.
“Har’a misooma hidhaa fi qarqara lagaa miidhagina, faaya dildilaa fi miidhagina magaalaa keenyaaf dabale, misooma qarqara lagaa fi kuusaa bishaanii yaada Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad maddisiisanii qajeelfama hojii kennan irratti hundaa’uun qulqullinaa fi ariitiin xumurree uummataaf dhiyeessineerra” jedhan.
Pirojektiin kun hojii dinqisiisaa Finfinnee sadarkaa idil-addunyaatti bakka filatamtuu tuuristootaa qofa osoo hin taane, riqicha miidhaginaa ishee taasisu dha jechuunis hubachiisaniiru.
Pirojektiin kun walumaagala lafa hektaara 87.6 kan uffisu ta’uu eeranii ÷ dheerina kiilomeetira 10.5 akka qabus ibsaniiru.
Keessa isaattis tajaajiloota waloo fi bakka tajaajila uummataa guuttatee kan qabate ta’uu eeran.
Pirojektiin kun yeroo fi sadarkaa qulqullina yaadameefiin akka xumuramuuf qaamolee gumaacha taasisan hundaaf Kantiibaa Adaanech galata galchaniiru.
#Oromia #Ethiopia