Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa badhaadhina waloo naannawichaaf bu’uura
Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan biyya ummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol qabduu fi guddina diinagdee saffisiisaa galmeessisaa jirtudha.
Guddina diinagdee ishee kana itti fufsiisuuf ammoo ulaan galaanaa dirqama ta’a.
Tattaaffii dinqisiisaa biyyattiin gochaa jirtuun dameewwan indaastirii, oomisha fi oomishtummaa qonnaa, akkasumas babal’ina maddeen anniisaan milkaa’ina guddaa galmeesisaa jirti.
Haa ta’u malee ulaa galaanaa dhabuun ishee fayyadamummaa diinagdee haalaan mirkaneessuuf gufuu ta’eera.
Itiyoophiyaan karaa haqa qabeessa hin taaneefi dabaan ulaa galaanaa erga dhabdee daldalli al-ergii ishee %90 buufata kireeffamu irratti kan hirkatu waan ta’eef baasii kiraa buufataaf ishee saaxileera.
Baasii biyyattiin kaffaltii buufataa fi lojistiksii baastu hojii ijaarsa bu’uuraalee misoomaa biroof osoo oolee jijjiirama olaanaa fiduu danda’a.
Biyyoota diinagdeen saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko kan taate Itiyoophiyaan ulaa galaanaa malee itti fufuun ishee, abbootiin qabeenyaa biyya keessaa al-ergii irratti bobba’an addunyaa irratti dorgomaa akka hin taaneef gufuu ta’eera.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa birmadummaa biyyoota biro kan sarbu yookaan ammoo walitti bu’iinsa kan uumu osoo hin taane daandii haaraa misooma waloo naannawichaaf fayyadudha.
Minstirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan dhabde haala uumama teessuma lafaa isheerraan kan ka’e osoo hin taane dogoggora seenaan fi walqoqqoodiinsa baroottan darban keessa turaniin ta’uu ibsanii turan.
Dogoggora seenaa kana dippiloomaasii fi walitti hidhamiinsa diinagdeetiin sirreessuun dirqama dhaloota dhufuuf kaffalamudha.
Ummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol kan qabdu Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuun qooda nageenya, tasgabbii fi misooma naannawichaa keessatti qabdu ni cimsa.
Gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa qajeeltoo misooma waloon mirkaneessuun biyyoota Gaanfa Afrikaa hundaaf sosochii daldalaa fooyya’aa uuma.
Mihiret Damiseen.
#Oromia #Ethiopia