Fana: At a Speed of Life!

Gareewwan Hojii yaadota ajandaa isaanii dhiyeessaa jiru

Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC) – Gareewwan Hojii yaadota ajandaa isaanii gareewwan gurmeessaniif dhiyeessaa jiru.

Gareewwan hojii hundi yaadota qopheessan irratti waliigalan, garee addaa miseensota120 qabu, yaadota kana walitti qabu, sirreessuu, madaaluu fi qindeessuuf hundaa’eef dhiyeessaa jiru.

Gareen kun miseensoota 15, gareewwan hojii saddeet tokkoon tokkoon isaanii miseensota 500 qaban keessaa filatamaniin kan hundaa’eedha.

Gareen kun yaadota ajandaa hunda irratti waliigalame dhaggeeffatee walitti qindeessuu fi yaadota dhiyaatan gidduutti walfaallaan akka hin uumamne of eeggannoo taasisa.

Akkasumas yaadota waliigalaa keessatti walsimannaa fi tokkummaa uumuun, yaada qindaa’e gara walga’ii guddaa miseensota 4000 qabuutti dhiyeessuuf ni qopheessa.

Yeroo ammaa gareen hojii yaadota garicharra dhiyaatan dhaggeeffachaa jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.